Barruu kana qopheessuuf kan nakkaasee
barruu afaan ingliffaan qophaayee web saayitii ayigaa foormamii dabaltee
weeb saayitoota gara garaa kan biroo irratti maxanfamee tokko. Barruun mata
duuree “SHEDDING LIGHT ON THE RECENT VIOLENCE IN THE BORDER AREAS BETWEEN
SOMALI AND OROMIA REGIONS OF ETHIOPIA” jeedhuun qoophaayee kuni, walittibu’insa
dangaa mootuummaa naannoo Oromiyaa fi Somaalee Itiyoophiyaa idoo tokko tokkotti
ka’ee irratti xiyyeeftaa. Qopheessaan barruu kanaa “qoorataa gara kammiyyuu
hinlugnee” jedanii of moggaasni jiruu. Maqaan isaani obboo Ismaa’il Mahaamad Abdi
jeedamaa. Obboo Ismaa’ilin bakka rakkoleen itti qaqaban tokko tokko daaw’achuu
isaani, umatas akka duubbisan ibsanii jiruu.
Yaadnii obboo Ismaa’il kaasnii
waldanda’insa, walkabjaa, nagaan waliin jiraachuu ummannii biyyattii waggootii
darban 26 keesatii goonfatee faayidaa dhabamsisuu kan yaalee natti fakkaataa.
Kana malees ummata naannoo lmaanii bara dheeraaf nagaan waliin jjiraatee gidduu
waldhabiinsi akka umamuu feedhii kan qaban natti fakkaataa. Kanaafuu, ka’umsii
barruu fi balaa biyyattii iratii qaqabsisuu dandahuu sirittii hubatamuu qabaa.
Mataduuree barruu kana irratti gaaffii “Ummata walittibusuun egnuu fayyadaa?”
jeedhuu kan kaasee knaafii. Deebii gaffii knaa dhuuma irrattii deebisuuf wadaa seenuun,
duursee ilaalcha obboo Ismaa’il haala akkamitiin falmuu akkan barbaadee ibsaa.
Qoopheesaan barruu obboo Ismaa’il yaada
isaanii kammiyyuu midiyaa isaanif tooleen ibsuuf miirga seera mottuumaan
mirkanaahee qabaachuu isaanii nanhuubadhaa. Miirgi kuun miirga domookrassii wan
ta’eefiis yaada isaaniif kabja guddaan qabaa. Weeb saayitoota barruu obboo
Ismaa’il maxansan kan akka ayigaa fooramii faffakkaatanifiis
kabaja guddan qabaa. Dhuugaa duubachuuf, miirga barreessaa fi midiyoolee barruu
keessuummeesan seera mootuumaan mirkanayee dhibuuf feedha hiqabuu. Itiyoophiyaa
ishee harr’a keessa jiraachaa, miirga nama kammiyyuu dhibuu hindandahuu.
Ta’ullee; akka saba biyyattii kamiyyuu dhimma tokko irratii ilaalcha fi
ijjannoo kiyya ibsuuf mirga heera motuummaan mirknayee akkan qabuu nan
huubadhaa. Mirga kiyya kana haala sirrii ta’een fayyadamuu qabaachuu kiyyaas
nan amanaa. Kanaafuu; barruu obboo Ismaa’il irrati wantoota ‘dogooggoora,
nagaaf tasgabbii biyyatiif akkasuumas nagyaa ummataaf faaydaa hiqabanii’
jeedheen itti amanee koomachuuf ka’uu kiyya duubistoonni barruu kanaa akka
huubatan barbaadaa.
Akka ilaalcha kiyyaa, yaadooleen barruu
obboo Ismaa’il irratti ka’an, egnuummaa ‘qoorataa gara kamiyyuu luuga hinqabnee’
jeedhamee ibsamee waliin kan walsimu ta’ee natti himuul’annee. Barruun obboo
Ismaa’il gar tookkeen mootuummaa naannoo Oromiyaafi dhaabata naanoo buulchaa
jiruu Dh D U O koomtaa, gara biraatin immoo huumna poolisii addaa naannoo
Soomalee Itiyoophiyaa faarsaa. Obboo Ismaa’ilin garee tokkoo raga malee
komatani, kaan faarsuun isaani sirri ta’ee natty hinmul’annee. Akki kuun ummata
naanoo laman gidduu walamanuummaa dhabamsissun ibiida loola qabsiisuu kan
dandahu ta’uu isaas hubatamu qabaa.
Kana caalaas; barruun obboo Ismaa’il, walittibu’insa
ji’ootan darban keesa ummattoota obboleeyani naannoolee lamaan gidduu umamee,
akkataa sirnaa feedraalaawaan ittin hikkamuu dandahuu muul’isuu dhisanii, itti
gaaftammuummaa ala garaagarummaa bal,isuun rakkoon akka babal’atuu taassisuu
kan feedhan natti fakkataa. Rakkoo kana irraa ka’udhaan walitibu’isa ummattoota
lamaan gidduu umamee haala nama raajjeessuun
“loola bakka buu’ummaa (proxy war)’ jeechaa, rakkoo tiqqicha bal’isuuf yaalanii
jiruu. Obboo Ismaa’ilin haala kanaan moormitoota siyaasa kasaranii biyya alaa
jiraatanif ajndaa laatnii jiruu.
Walittibu’insii, hidhattoonni fi warri
angoo irra jiran tokko tokko haala jiruu dawoo goodhacuun kan umanii dhaa
malee, waldhabinsa mootuummoota fi ummata naanoolee lamaan giddu jiruun kan
ummamee miti. Dhugaan osoo kun ta’ee jiruu obboo Ismaa’ilin dhima kana
walittibu’nsa saba lamaan fakkeesanii dhiyeessuun isaanii sirri miti.
Barruun obboo Ismaail, walitti
dhiyeegna fi jaalala ummata lamaan gidduu jiruu kan digguu osoo ta’ee jiruu,
midiyoolee kan akka aygaa fooramii gabaasa fi baruulee biyyatiifis ta’ee adduugnaaf
tooluu dhiyeesuun beekamani fi ‘mal’attoo walkabjaafi tokkuummaa sabaaf
sabllammii Itiyoophiyaa ta’uu dandahuu’ jedheen itti amanuu irratii maxanfamuun
isaa midiyooleen ittigaaftmmummaa oguummaa fi naamuusa isaan irra egamuu fixaan
bahuu dadhabuu isaan kan mul’isuu dhaa. Kana malees ogummaa gaazeexeessuummaa
nagaa midiyooleen barruu obboo Ismaa’il maxansan hoordoofaa tuuran kan
faalleessuu ta’ee natti mul’atee jiraa. Kanaafuu barruu akka obboo Ismaa’il nagaa
biyyaa egsiisuu hindanddeegnee fuula web saayitii isaan irratti maxansuu duura
fayidaa inni qabuu fi rakko qaqabsissu dandahuu madaaluun barbaachisaa turee
jeedheen amnaa.
Ammammoo ilaalcha kiyya irraa bahee
gara yada barruu obboo Ismaa’ilitti hadeebi’u. Obboo Ismaa’ilin ofi isaani
“qoortaa gara kamiyyuu hinluugnee” haajeedhan malee, yaadnii isaan kaasan garuu
ofiittuuman walitti dhuufeegna yeroo dheraa ummata lamaan gidduu turee, haala
ummata lamaanuuf hitoolneen gar malee tuxxuuquuf yaalee jiraa. Adeemsii obboo
Ismaa’il kuun immoo akka ilaalcha kiyyaa fuudhtamaa hinqbuu.
Ani ‘gareen kun sirri dhaa, inni kaan
immoo balleessaa dhaa’ jeedhee muurtii keennuu hinfeedhuu. ‘Huumnii ebaluu akkanaa,
huumnii ebaluu imoo akkasii’ jeechaa raga malee duubbii marquus hinbarbaadu.
Dhimoota barruu obboo Ismaa’il keesa ‘dooggooggoora’ jeedheen itti amnuu, irra deebi’ee
barruu kiyya irratii caqassuu hinfeedhuu; karaa bu’aa bu’ii isaan itti deeman
irratii deedeebi’uu waan natti ta’uuf. Ka’uumsii fi galmii barruun kiyyaa,
gaaffii ‘ilaalchii obboo Ismaa’il walitti dhuufeenga ummataaf fayyidaa qabaayi?’
kan jeedhuu irratii fuulleefataa.
Asiniis ta’ee achiin; barreesan
‘qoorataa gara kmmiyyuu hinluugnee’ jeedhee of beeksisee tokko yaadni inni
kaasu madaalawaa ta’u qabaa. Qabxiilee saaynsii qoorannoo fayyadmuunis irraa
egamaa. Yaat’uu malee obboo Ismaa’ilin kana dhibanii, ilaalcha ofittuummaa
isaanii mammaaksaan breechiisani dhiyeesuuf yaalni. Yaadnii obboo Ismaa’il akka
nama qarree irra dhaabatnii muuka dheeraan ibida tuxxuuqaa qabisisuu kan
ilaalmuu dhaa. Ka’umsi fi galmi barruu obboo Ismaa’il ummata lmaan walitti busuudhaan,
walitti dhuufeegna umatta bara dheeraaf hundayee xureesuu dhaa.
Dhugaa dhaa, waldhabiin ykn walittibuu’insii,
hawaasaa kmiyyu keesa ni umamaa. Hamma hawaasnii jirateetti waldhabbini fi
walittibu’isi biyya kamiyyuu Ameerikaas ta’ee Afrikaa; Awroopaas ta’ee Isiyaa
umamuun isaa waan hin’olle. Ilmi namaa walitti buinsa keesa lixxuun isaa dhugaa
yeroo mara. Kana irratti wantii ijoo
walittibu’insi umamuu isaa osoo hinta’ini, maliif aka umamee adaan basuu
dhaan qayyabachuu dhaa. Walittibu’insi, saamicha qabeegna umamaa irraa ka’u
nimalaa. Walittibu’insi warra walitti dhiyeegna ummata giddu jiruu
booreesudhaan fayidaa ofii guuttachuuf kareeranin ka’uuus nimalaa.
Haal ka’uumsa walitti buu’insa armaan
olii yammuu haal biyya keegna waliin ilaalnuu; walitti dhabinsii nannoolee
Oromiyaa fi Itiyoophiyaa Soomaalee gidduu umamee akuuma duuraan ibssuf yaleetti,
hidhattoota haarkaan lakaawamnin kan umamee dhaa. Hidhattoonni gara lmaanuu
argaman sababa dangaa dhaan balaa nagaa ta’anii jiruu.
Sirni feedraalaawaa biyyattii mala
rakkoo waldhabbii dangaa naannoolee gidduu ka’uu ittiin fuuru qabaa. Kanaafuu,
waldhabbin dangaa, gara walittibu’insa osso
hinguddatini duura furrun nidandahamaa. Ta’ullee haalli nammoonnii
taa’ita irra jiran walittibu’insa umuuf ittin yalan jiraacuun isaa nibeekamaa.
Ministeerri muummee obboo Haaylamaariyaam dasaalagn dhiyeegna kana ayyaana
guyaa duubartoot sababeefachuun
duubartoota naannoolee fi bulchinsoot mgaalaa gara garaa iraa boobaahan yamuu
duubisan dhimma kana kaasnii tuuran. Obboo Haaylamaariyaam akka ibsanitti
dangaan walittibu’insa ummataaf sababa ta’u hindandayuu. Ummattoonni dangaa
naannoo Oromiyaa fi Somaalee Itiyoophiyaa
irratti jiraatan walitti dhiyeegnan yeroo dheraaf nagaa isanii eganii
yoo jiraatan illee, rakoo ilaalcha ogantoota nannoo lmaanuu irraa kan ka’ee
walittibu’insii umamee jiraa.
Sirnii feedraalawaa Itiyoophiyaa
akaataa waldhabinsa dangaa naanoolee lmaan gidduu umamuu ittiin fuuru qabaa.
Garuu; sirni feedaraalaawaa biyyatiif haaraa waan ta’eef, sababa dhabinsa hubanno
irra kana ka’ee rakkoon umamuun isaa waan hinollee. Akka obboo Ismaa’ilee
ibsuuf yaalanitti, sirni feedraalaawaa sabaaaf sablammii irrattii hundaahuu
dhaan caaseeffamuun isaa sababa walittibu’insa hinta’u. “Maaliif?” yoo
jeedhmee, deebiin, “sirni feedaraalawaa biyytti waggootan kurnan lmaan duura
saboota, sablamoota fi ummattoota
hawaasa siyaasaa fi dinagdee walii tuumuuf seera motuummaatin waadaa
walii seenanii kan ijaaratan waan ta’eef” kan jeedhuu ta’aa. Kanaafuu
‘ummattoonni biyyattii sirna feedraalawaa feedhii isaanitin ijjaaratan, sababa
walitti buuinasa nita’aa’ jjeechuun doogoogoora ta’aa.
Waamraafuu; ummattoonii Itiyoophiyaa
sirna feedraalaawaa feedhii isaanitin
ijaaramtee sababa walittibuinsa taassiissuu irraa faaydaa argachuu kan
hindandeegnee ta’uun isasa hubatamuu qabaa. Abdin ummataa nagaa, misooma fi
deemookraasii irra jiraa. Namuu walittibu’insa iraa faayidaa argachuu waan
hindandeegneef, madda abdii isaa cimsatee ijaarachuu qabaa. Bara dheeraaf
nagaan kan waliin jiraatan ummattoonii Oromoo fi Somaleen, akkuuma saboota
biyyatti kan biro fayyadamuumaan isaani nagaa iratti argamaa. Walittibu’insa fi
walittibu’isa irra faaydaa argachuu hindandahani. Namoonni xiqqoo gara lmaanuu
ta’itaa irrattii argamni fi qawwee hidhatan iddoo ummannii dangaa walqoodanii
tokko tokko irrattii walittibu’insa umuuf yaluun isaanii feedhii ummattoota
lamaan hinagrsisuu.
Ummata lamaan gidduu haallii
walittibu’insii umamuu dandahuu jiraccuu dhabuullee “hamma ngaa booreesitoonnii
jiraatan qulquulluu dhuuguun hindandaahamuu” jeedhanitti, namoonni akka obboo
Ismaa’il Mohaamad Abdii fafakkaatan, ittigaafatammuummaa ala yammuu ummattoota
walittibusuuf tattaafatan arguun wanta
idlee ta’aa dhuufaa jiraa. Amma gara gaffii jalqaba irratii kaasee “ ummata
walittibusuuraa egnuutu fayyadamaa?” jeedhuutan deebi’aa. Gaafii kana deebisuuf
fagoo deemaee dubistoota kiyya xaarsuu hinfeedhuu. Akka haalli knaan duur biyyatti
quunnamee irraa baranneetti, walittibu’inasa ummata irraa fayidaa kan argachuu
dandahan warra lama. Isaniis; warra biyyattiin nagaa argatee misooma ishee dagaagasuu akka hindandeegnee
guufachisuuf tattaafacaa jirani fi ergamtoota isaaniti. Kanaafuu barruun obboo
Ismaa’il ummattoota Oromoo yokin Somaalee osoo hinta’ini wrra booreesitoota
ngaa fayaddaa. Miira seera motuummaa fi sirna feedraalawaa ala, barruun garee
tokkoo faarsee, kaan xuureessuu tamsaasuun, dinoota biyyattifi fi ergamttoota
isaanitif ajndaa laachuun, tattaaffii biyyatti guuddisuuf godhamaa jiruu guufachisu
dandahaa.
Kun immoo, haamilee ummattoota
naannoolee Oroomiyaa fi Somaalee biyya isaani misoomsanii jirruu issaani
foyyeefachuuf guyyaaf haalkan tattaafachaa jiran cabsaa. Invastimantii kallatti
biyyoota aalaas guufachisuu dandahaa. Jijjirama waliigla biyyatiis nimidhaa.
Barruuleen akkanaa, lafa naannoolee daangeesuu sababa goodhanii, kaayyoo
fayyadamuummaa ummata fashaleesuu waan dandahanif midiyooleen rakkoo isaan
qaqabsisuu dandahan, duraan duursani hubachuun iraa egamaa.
No comments:
Post a Comment